Afaan Oromoo ![]() | |
---|---|
Kan dubbatamu: | Itoophiyaa, Keeniyaa,Taanzaaniyaa,Eertiraa,Afrikaa Kibbaa,Sudaan,Ijiipti |
Naannoo: | Afrikaa |
Dubbattoota: | 60.000.000 |
Sadarkaa: | |
Qooddama: | Afroo-Eshiyaatiik Afaan Oromoo |
Haala Ofiseelummaa | |
Afaan ofiseelaa: | |
Kan too'atu: | |
Koodii | |
ISO 639-1 | om |
ISO 639-2 | orm |
![]() Bakka itti dubbatamu
| |
Kanas ilaali: Afroo-Eshiyaatiik – Afaan |
Afaan Oromoo afaan baay'inaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaarra jira akka Baayisaa Fufaan qorannoo isaa keessatti addeessetti. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan Kiswaahiliitiif, afaan Hawusaatti aana jechuudha. Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan ardii biraa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa Lammaffaa ta'a; osoo mootummaa yookiin wiirtuu afaanii qabaatee immoo addunyaarratti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala. Afaan Oromoo Afaanota Itoophiyaa keessaa isa duraati. Afaan Oromoo kutaa afaanii Afroo-Eshiyaatiik jedhamu jalatti ramadama. Afaan kun Afroo-Eshiyaatiik keessaa garee afaanii Kuush jalatti qoodama. Afaanota Kuushi keessaa Afaan Oromoo afaan sabni baayyeen dubbatu yoo ta'u, uummata miiliyoona 60 ol ta'utu dubbata. Uummatni afaan kana dubbatu Itoophiyaa fi Kaaba Keeniyaa keessa jiraata. Akka warri afaan qoratan jedhanitti, Afaan Oromoo loqoda(garee) afur qaba: Oromoo Boorana-Arsii-Gujii, Oromoo Bahaa, Ormaa, fi Oromoo Dhihaa fi Giddugaleessaa ti.