Shawaa Bahaa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Adaamaa | ||
Baayyina ummataa: | 2,475,945 | ||
Tuuta'insa ummataa: | 181.73 |
Shawaa Bahaa (East Shewa) godinaalee kudhan-lamaan Oromiyaa keessaa tokko yoo tatu, maqaa kanas kan argatte kutaa bulchinsa Shawaa durii irratti.
Shawaan Baha jiddu Oromiyaatti kan argamtu yoo ta'uu, kutaalee dhihaa fi baha walitti qabsisti. Zoniin kunii kibba fi kibba-dhihaan Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa, dhihaan Shawaa Dhihaan, kabba-dhihan Shawaa Kaabaan, kaabaan Naannoo Amaaraatiin, kabba-bahan Naannoo Affaar, kibba-dhihaan Arsiin marfamtee kan argamtu yoo tatuu, dhumaa dhihaa ishettiin Laga Bilaattee qabachuun beekamti. Magaallan beekamoo Shawaa bahaa kessatti argaman Adaamaa, Bishooftuu, Matahaaraa, Shaashamaannee fi Baatuu.
Yaada badaa mukni isaa irraa ciramee badee midhasuu irraa ka'amee, Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyaa godinichaa (Zonal Agriculture and Rural Development Office) guyya Onk. 2, 2006 irratti mukaa hangaa miliyoona 36.3 ta'uu, annolee godina Shawaa bahaa 10 keessatti, lafa heektaara 4,000 ga'u irratti dhabuu danda'eera.[1]