Godina Jimmaa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Jimma | ||
Baayyina ummataa: | 2 486 155 (2007) | ||
Tuuta'insa ummataa: |
Jimma godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessa tokko dha. Maqaaan Jimma kuni maqaa mootummaa Jimmaa durii kan Kafaa wajjiin bara 1932 kessatti walitti makamani irra dhufe.
Jimmaan kibbaan mootummaa naannoo Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaan, kaaba-dhihaan godina Iluu Abbaa Booraan, kaabaan Wallagga Dhihaan, kaaba-bahaan Shawaa Dhihaan daangeeffamtee argamti. Bakki dheerina guddaa godina kana keessa Garaa Maigudoti. Aanoleen Jimma keessatti argaman kan akka Geeraa Qarsaa, Limmuu Saqqaa, Sigimoo ,Aanaa Saxxammaa fu aanoolee 24 ol ta'anutu ni jiru. Godinni Jimmaa taa’umsa lafaan Kibba Dhihaa Oromiyaattiin kan argamtu yoo taatu, magaalaa guddoo teessoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee irraa km 352 fagaattee argamti.
Godina Mootummaa shanan gibee jedhamuun kan beekamtuu fi bakka argama Buna Arabikaa kan taate Godinni Jimmaa, Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa (Ethiopian Coffee and Tea authority) irratti hunda'uudhaan Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Agency) akka gabaasetti tooniin buna hanga 26,743 bara dhuma 2005tti oomishama. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 23.2% yoo ta'u baasii biyya keessaa immoo parsentii 11.8% ta'a. Kuni immo Jimman zoonii buna midhasun bekkaman sadeen kessa tokko ishee godha. Lamman hafaan kan biraa Sidaamaa fi godiina Gedi'oo dha.