Harargee Dhihaa | |||
| |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | [[{{{Magaalaa Guddaa}}}]] | ||
Baayyina ummataa: | 1,871,706 | ||
Tuuta'insa ummataa: | 124.23 |
Hararghe Dhiha (West Hararge) godinaalee Oromiyaa kudha laman keessaa tokko yoo taatu, maqaan kunis maqaa durii kutaa biyyaa Harargee irraa dhufe.
Harargeen dhihaa kibbaan Laga Shabalee kan godina Baalee irraa gargar baasuun, kibba-dhihaan godina Arsiin, kaaba-dhihaan naannoo Affaar, kaabaan naannoo Sumaalee, bahaan godina Harargee Bahaatiin daangeffamtee argamti. Bakki dheerina guddae qabu godina kanaaa Gaara Muktaar. Magaalan guddittii godina kanaa magaalaaCiroo fi baddeessa dha , Baddeessaa,Hirna,Galamsoo, Machaaraa fi Mi'eessoo dha.
Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) akka gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irratti hundaa'e akka ibsetti bunni toonii 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Harargee dhihaati biqile ibseera. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 7.27% yoo ta'u, baasii biyya (Itoophiyaa) keessaa immoo dhibbantaa 3.7% ta'a.[Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) 1]
Cite error: <ref>
tags exist for a group named "Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority)", but no corresponding <references group="Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority)"/>
tag was found