Qananiisaa Baqqalaa | |||
---|---|---|---|
![]() | |||
Ogummaa: | Atileetii | ||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Guyyaa dhalootaa: | Waxabajjii 13, 1982 | ||
Bakka dhalootaa: | Boqojjii | ||
Qananiisaa Baqqalaa atileetii Itoophiyaa kan fiigicha dheeraa fiigun beekkamuu yoo ta'u yeroo ammaa kana riikardii addunyaa fi riikardii olompiikii kan meetira 5,000 fi meetira 10,000 qabatee jira. Olompiikii Gannaa 2008tti dheerina lamaaninuu (5,000 fi 10,000n) madaaliyaa lama kan nyaate yoo ta'u bara 2004tti meetira 10,000n Olompiikiirratti warqii nyaate.
Qananiisaan seenaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAFn keessatti atileetii kan morkataa hin qabnedha; shaampiyoonaa kanarratti kiilomeetira 12n (long course) si'a ja'a wayita moo'atu kiilomeetira 4n(short course) ammoo si'a afur moo'ateera. Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa irratti Qananiisaan meetira 10,000n bara 2003 amma 2009tti si'a afur moo'ateera; kanaanis riikardii Hayilee Gabrasillaasetiin wal qixxaate. Qananiisaan dorgommii meetira 10,000 bara 2003 amma 2011tti dorgome hunduma keessatti moo'amee hin beeku; bara 2011tti garuu Shaampiyoonaa Addunyaa dorgommii dhumaarratti fiigicha addaan kutee ba'e.
Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa kan 2009tti, Qananiisaan meetira 5,000 fi 10,000niin shaampiyoonaa tokkorratti moo'achudhaan nama jalqabaa ta'e. Fiigicha meetira 5000tin, madaaliyaa naasii olompiikiraatti (2004), madaaliyaa meetii Shaampiyoonaa Addunyaarratti (2003), madaaliyaa warqii Shaampiyoonaa Aafrikaarratti, fi madaaliyaa warqii Dorgommii Guutuu-Aafrikarratti argateera.
Qananiisaan atileetii fiigicha dheeradhaan amma harraatti dhufan keessaa kan isaan morku kan hin jirre yoo ta'u riikardii addunyaa baayyee fi madaaliyaa hedduun kan faayyamedha. Gaafa Ebla 6, 2014tti, Qananiisaan sa'aatii maraatoonii saffisaan ja'affaa ta'e, 2:05:04, galmeessuun Maraatoonii Paarisirratti moo'ate; sa'aatin kunis riikardii iddoo sanaa ture. Qananiisaan obboleessa quxusuu kan Taarikuu Baqqalaa jedhamu, kan akkumasaa fiigichaan beekkamu qaba.