Shawaa Dhihaa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Amboo | ||
Baayyina ummataa: | 3,000,000 | ||
Tuuta'insa ummataa: |
Shawaan Dhihaa (Shawaa Lixaa jedhames ni waammama) godinaalee Oromiyaa 21 keessaa tokko. Shawaan Dhihaa karaa kibbaan godina Shawaa Kibba Lixaa fi Mootummaa Naannoo Kibbaan yoo daangeffamu, karaa kibba dhihaan godina Jimmaatin, karaa kaabaa dhihaa godina Wallagga Bahaa, karaa kaabaa Mootummaa Naannoo Amaaraatiin, karaa kaaba bahaa godina Shawaa Kaabaatiin, karaa kibba bahaa ammo godina Shawaa Kibba Lixaatin daangeffama. Iddoo ol ka’aa inni guddaan Tulluu Wancii (meetira 3385) yoo ta’u tulloonni ol ka’oon kaan Tulluu Mannaaggashaa fi Tulluu Wacacaa ti. Magaalonni godina kana keessa jiran Amboo, Hoolota, Giincii,Shinoo,Qaxqaxxoo,Kaachiis fi Geedoofaa dabalata.
Bara 2002 hanga 2005tti aanoleen baayyeen godina Shawaa Dhihaarraa citanii godina Shawaa Kibba Lixaa uuman.goota shawaa lixaa biyyaaf late
1.Alamuu Qixxeessaa,2.Maammoo maazammir,3.Jaagamaa Keelloo,4.Garbii Bultoo,5.Walee Bultoo,6.Hachaaluu Hundeessaa Boonsaa fi kkf biqiltee oromiyaaf kennite