Xurunash Dibaabaa

Xurunash Dibaabaa
Ogummaa: Atileetii
Biyya: Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa: Onkoloolessa 1, 1985
Bakka dhalootaa: Boqojjii

Xurunash Dibaabaa Qananii atileetii Itoophiyaa fiigicha dheeraa beekamtedha. Isiin yeroo ammaa chaampiyoonii olompiikii meetira 5000 fi 10,00 ti. Xurunash fiigicha tiraakirraa afuriifi fiigicha qaxxaamura biyyaa shan moo’attee jirti. Kanaafis maqaan galaafattuu fuula ijoollee qabdu jedhamu kennameef.

Xurunash Onkoloolessa 1, 1985 Godina Arsii Aanaa Lemmuufi Bilbiloo magaalaa Boqojjii jedhamutti dhalatte. Maatii isii ijoollee 6 qabaniif Xurunash mucaa afraffaadha. Xurunash kan guddatte lafa ol ka’aa godina Arsii keessatti yoo ta’u, atileetiksii umurii isii 14tti jalqabde.

Xurunash qaama maatii atileetiksii ti. Obboleettin isii Ijjigaayyoo Dibaabaa waltajjii addunyaarratti kan beekkamtu yoota’u, obboleessi isii Dajanee Dibaabaa akka abdii gara fuula duraatti ilaallama. Obboleettiin ishii Ganzabee Dibaabaa dorgommii guddattootaa (junior) Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa 2008 godhame moo’attee jirti. Moo’attuun Olompiikii 1992 fi Olompiikii 2000 Daraartuu Tulluu durbii isaaniiti. Daraartuun milkaa’ina seenaa fiigicha dheeraa ummata Oromoo itti fufsiisaa jirti.


From Wikipedia, the free encyclopedia · View on Wikipedia

Developed by Nelliwinne